


Let’s play to win cash prizes! Join me on GAMEE. https://prizes.gamee.com/get/1sp7smwz
bifa siraaxii
““““`1.Rifeensarra qal’aadha.Seeyfiirra qara qaba.3.akkaan dukkana, jala isaa ibidda akkaan danfitutu jira.4.Dilii kee hunda dugdarratti baadhattee gubbaa dabarta. diliin kee yoo sirrattii heddummaatte akka suuta deemtu ykn akka achi kessatti kuftu si gooti (والعياذ بالله)Yoo dilii hin qabaanne ammoo akka hangaasuu ykn calanqeetti si dabarta.5.hookkooleetu isiirra jira kan si qabdu hoggaa gubbaa dabrtu.Miila kee jalaas qoreetu jira kan yoo suuta Deemte miila nama kukkuttu.6.Namuu hanga salaata irratti tikfataa tureen ifaan isaaf ifa.7.sagalee nama ibidda kessatti kufuu kan sii dura deemuu dhageessa, atis tarii nan kufaa jettee yaaddofta.8.namni hundi akka dalagaa isaatti gubbaa dabra.Rasuulli ( ﷺ ) hulaa jannataa bira dhaabatee du’aa’ii siif godha.يا رب سلم يارب سلم…Yaa rabbi nagayaan gubbaa dabrsi jedhee siif kadhata.Gabrichi yeroo achirra dabru nama kufuu fi kan dabru ni arga, garuu dantaa hin qabu osoo haadhaa fi abbaa isaallee argee Wanni Isa yaachiftu lubbuu isaa qofa. 😭A’ishaan guyyaa tokko qiyaamaa yaadattee boosse.😢 Rasuullii ( ﷺ ) gaafatee maaltu si boossisaa jedheen.Yaa ergama rabbii guyyaa qiyaama abbootii keenya ni yaadanna? Nama jaalannu ni yaadanna jetteen?Rasullinis ﷺ ” eeyyee iddoo 3 keessatti malee, Bakka miizanaa, yeroo galmee fudhatan, yeroo siraaxii irra dabran.”Sadeen kana malee namuu wal yaadatan Jedheen. Sadeen kanattii ammoo namuu lubbuu isaa malee quba hin qabu,Yaa rabbi nagayaan siraaxii gubbaa nuu dabarsii cinqii guyyaa sanii irraa najaa nu basi!😭😭😭🤲🤲🤲🤲 اللهم آمين يارب العالمين
You must be logged in to post a comment.